BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Top stories
Naannoo Amaaraa bakkeewwan tokko tokkootti ‘walitti bu'insi cimaan’ eegalamuu jiraattoonni himan
Naannoo Amaaraa eddoowwan tokko tokkootti dhuma torban darbee irraa kaasee humna nageenyaa mootummaafi hidhattoota Faannoo jidduutti lolli deebiisee eegaluu jiraattoonni BBCn dubbise himan.
Eebbaa Lammii: Manguddoo masiinqoon geeraruun dhageettii horachaa jiran
Maqaan isaanii guutuun Eebbaa Lammii Dinqaa jedhamu. Godina wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti dhalatan. Obbo Eebbaan barnoota qalamaa kan hin qabne ta’anilleen, masiinqoo isaaniitiin yeroo walargatan garuu walaloo sammuu isaanii keessaa toora qabsiisanii mata duree adda addaarraatti sirbuun dinqisiifannaa argachaa jiru. Seenaa guddinaa, haala hojiifi kaan irratti turtii BBC Afaan Oromoo waliin taasisan akkasiin qindeessineeraati dhiyaadhaa.
'Qorattoota hedduu keessaa dorgomee badhaasa kana mo'achuu kootti baay'een gammade'
Barsiisaan Itoophiyaa keessaa jijjiirama hawaasaarratti qorannoo taasiseen badhaafame, badhaasni kun "hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetuuf itti gaafatamummaa" kan isaa kenne tahuu hime.
Intalli pirezidaantii Keeniyaa abbaa warraa argachuuf kadhachiifachuun dubbii ijoo tahe
Intalli pirezidaantii biyya tokkoo miidhagduun abbaa warraa dhabdee akka Waaqni isheef kennu uummata fulduratti baatee kadhachiifatte jedhee eenyu yaada.
Viidiyoo, Fayizaa Ali: Shamarree TikTok irratti namoota wal barsiiftuun wal baraa Turtii, 4,53
Shamaaraniifi dhiiroota gaa'ila barbaadan walitti fidde wal barbsiifti. 'Bu'aan gochaa kanarraa argadhus namoota gaa'ila qabsiisuudhaan gammachuu qofaadha'' jetti Fayiizaa Ali.
Xiyyaaroonni Itoophiyaafi Kaataar dogongora to'attoota tiraafika qilleensaan walitti bu'uuf ture jedhamuu Somaaliyaan soba jette
Xayyaaronni Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Kaataar daangaa Somaaliyaarra balali'aa turan dogongora to'attoota tiraafik qilleensaatiin walitti bu'anii oolan oduu jedhu soba ta'uu himte Somaaliyaan.
Indiyaatti baaburri konkolaachisaa malee km70 ol kophaa 'gulufe'
Dhaabbanni Indiyaa Reelweeyis erga baaburri fe'umsaa km 70 ol konkolaachisa malee ofiin imale booda qorannoon akka gaggeeffamu ajaja dabarse.
Obbo Battee Urgeessaafi gaazexeessaan lammii Faransaay to'annoo jala oolan
Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Battee Urgeessaafi gaazexeessaan marsariitii Africa Intelligence jedhamun beekamu, Antuwaan Gaalindoon, "Shaneefi Faannoo wajjin tahuun hokkora kakaasuuf socho'uun" jedhamuun himatamanii to'annoo jala oolan.
Hiriira Musiliimoota Itoophiyaa bara 1966 eenyu fa'itu dhoksaan qindeesse?
Waggaa 50 har’aa maaltu ta’e? Nama gaaffii kana nuuf deebiisu argachuun salphaa hin turre. Sababiinsaa kaan isaanii waan mudate dagataniiru, kaan isaanii ammoo miidiyaatti dubbachuu hin barbaadne. Kan hafan ammoo lammummaasaanii jijjirataniiru. Yeroos kan Itoophiyaa turan muraasni amma Ertiraa jiru. Ta’us namoonni muraasni yaadannoosaanii bara sanaa BBC'tti dubbachuuf hayyamamoo ta’an. Kunoo dhiyaadhaa.
Yuukireen erga waraanni eegalee as loltoonni 31,000 jalaa du'uu himte
Raashiyaan Yukireen irratti waraana erga bantee waggaa lama guutera. Guyyaa Raashiyaan weerara bantee kaasee hanga ammaa loltoonni 31,000 jalaa ajjeefamuu Yukireen beeksifte.
Miseensi humna qilleensaa US imbaasii Israa’el DC'tti duratti ibiddaan ofgube du'e
Miseensi Human Qilleensaa Ameerikaa tokko imbaasii Israa’eel kan Waashingitan DC’tti argamu fuulduratti ibiddaan ofiisaa guubuu tajaajilli Balaa Tasaa Ameerikaa beeksiise.
Walitti bu'iinsa
Maaltu haasa'ama?
TPLF miseensota yeroo waraanaa 'harka laachun icciitii dabarsanii kennan' jedhe lama hari'e
Miseensonni koree giddu galeessaa TPLF lamaan gaggeeffaman Aadde Keeriyaa Ibraahimifi Muluu Gabragzaaber waraanni Tigraayitti osoo hin eegalin duraa mootummaa federaalaa keessatti aangoo olaanarra kaneen turan keessayi.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Waliigalteen mallattaa'e Somaaliyaa irratti 'waraana labsuudha'-UNtti Ambaasadara Somaaliyaa
Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddari Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand walin taasifte, ''labsii waraanaati,'' jechuun akeekkachiisan.
'Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa fayyadamee mormii dhorkaa jira' - Amanastii
Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa fayydamuun namoota siyaasaa beekamoo kara nagaan mormii dhageessifataniifi gaazexeessitoota, akka feete hidhaa jira jedhe dhaabbanni mirga namaaf falmu Amanastii Intarnaashinaal ibsa har'a Guraandhala 19/2024 baaseen.
'Humni nageenyaa Itoophiyaa galma walgahii Gamtaa Afrikaa ''akkan hin seenne'' na dhorkuuf yaalan'- Pirezidaantii Somaaliyaa
Kora dureewwan biyyoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuf Itoophiyaa kan jiran Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Itoophiyaan wal-gahii Gamtaa Afrikaa "kabajaa hin jirtu" jechuun himatan.
'Daangaa fi daangeffamaan garasitti yerootti Afrikaa haaraa arginu amma'- Inj Taakkalaa Uumaa
Dureewwan Afrikaa wal gahii Gamtaa Afrikaa 37ffaa har’a magaalaa Finfinneetti taa’uu jalqabu. Barnoonni xiyyeeffannoo jalqabaa tahus dhimmoota misoomaa, nageenyaa fi fonqolcha mootummaa ardichatti dabalaa dhufe, qaala’iinsa jireenyaa irratti tokkummaan dhaabbachuu ardichaa irratti waliin dubbatu jedhamee eegama.
Eebba Godambaa Adawaa fi dhaamsa mootii Minilik II ‘Hologram’n tolfame
Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa Guraandhala 11, 2024 Finfineetti eebbifamerratti ergaan maqaa Mootii Miniliik II’n dhiyaate ijoo dubbii ta’eera.
Waa'ee ijaarsa godambaa guddicha Adawaa ogeessa hojiisaa keessatti hirmaaterraa
Godambaan kun Finfinnee iddoo Piyaassaa [Birbirsa Gooroo] jedhamutti lafa heektaara 3.3 irratti ijaarame. Pirojaktichi bataskaana Goorgiisiifi mana qopheessaa magaalaa Finfinneetti ollaadha. Waajjira Kantiibaa Magaala Finfinnee Mana qopheessaa keessatti argamunis riqichaan walitti qabsiifameera.
Aanga'oonni haaraa muudaman Amb. Reedwaan, Obbo Tamasgeen, Amb. Taayyee Asqesillaasee fa'aa eenyu?
Paarlaamaan Itoopiyaa har'a yaa'iisaa idilee 15ffaa wayita gaggeessaa jiru aanga'oota MM Abiy akka muudamaniif dhiyeessan raggaasaa jira.
'Gowwummaan hin eeginaa, filannoon malee qawween aangoo qabachuun hin danda'amu'-MM Abiy
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti dhiyaatanii gaaffiilee dhiyaataniif deebiifi ibsa yoo kennan ''gowwummaan hin eeginaa filannoofi dimookrasiin malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda'amuu'' jedhan.
UK'n rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessaa furuuf gargaarsa paawondii miiliyoona 100 nan kenna jette
Rakkoon namoomaa Itoophiyaa keessa jiru yeroo hammachaa dhufetti, namoota miidhaman miiliyoona sadii ol ta’an gargaaruuf UK’n paawondii miiliyoona 100 akka kennitu beeksisteetti.
Ispoortii
Injifannoo Karaabayoo Kaappiin, Kilooppi boqonnaa haaraa galmeessan
Liiverpuul Cheelsii 1-0 mo'achuun waancaa kaarabayoo mo'ate. Liiverpuul bara kana waancaa afur keessa jira.
Niwkaastil v Arsenaal- Taphoota Piriimer Liigii har'a gaggeeffamaniin eenyufaatu mo'ata?
Taphootni Piriimer Liigii Ingilizii torban 26ffaa har'a itti fufuun gaggeeffamu.
Ziilaataan Ibiraahimovich, taphataa duraanii 'ani leenca' ofiin jedhu
''Yeroon ani waaqadha si jedhu, waanuman baacu sitti fakkaata. Garuu an baacaan jira miti. Yeroon dirree seenu, miira akkasiitu natti dhagahama. Akkuman waaqa tahetti natti dhagahama. Nama daandiikorra dhufe hundaa waanan caccabsee mo’u natti fakkaata.
Arsenaal tapha Poortoo irratti miilla gabaabbate
Arsenaal kaleessa kileba Poorchugaal Poortoodhaan mo'amuu isaa qofa osoo hin taane, yaaliin gara galchiitti taasise caalaa yaadessaa taha jedhan gabaasaaleen.
Taphoota hafaniin yoo ilaalamu kileba kamtu carraa waancaa Piriimer Liigii Ingiliz injifachuu qaba?
Piriimer Liigiin Ingiliz bara 2023-34 xumuramuuf taphoota 13 qofatu hafe. Garuu akka waggoota muraasa dura arginee guluffii farda tokkoo qofa miti. Liiverpuul, Arsenaalii fi Maanchister Siitiin garaagarummaa qabxii muraasaan wal caaluun kokkee wal qabaniiru.
Kelvin Kiptum: Pireezidant Ruutoo maatii atileetii du'eef mana ijaarsisaa jiru
Atileetiin ijoollee lama qabu kun, konkolaataan inni konkolaachisaa ture to'annoo ala tahuun bo'oo keessa bu'ee lubbuun darbuu poolisiin biyyattii himeera.
Kiyyaa Jamaal: Lammii Itoophiyaa barnoota yunivarsitiirra bishikileetii filate
Kiyyaa Jamaal Rogooraa lammii Itoophiyaa dorgommii bishikileetii addunyaa, Tuur Da Ruuwaandaa jedhamurrati hirmaachuuf tibbana Kigaaliitti argama. Dorgommiin Tuur Da Ruuwaandaa kunis dorgommii bishikileetii waggaa waggaan Afriikaatti gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota bebbekamootu irratti hirmaata.
Taphataa kubbaa miilaa dandeettiifi amantaasaatiin 'Mootii Masirii' jedhame -Mohaammad Saalaa
Maatiin isaa namoota beekamoo miti. Jireenya gidduugaleessaa namoota qabaniidha. Garuu inni ilma Naagrig maqaa jedhamu argateera. Sababni isaas naamusa gaarii, dandeettii jabaa nama qabu waan taheefiidha. Maqaa guutuun isaa Mohamed Saalaa Hamed Mahiruus jedhama; Mohaammad Saalaa.
‘Injifannoon arganne anaaf haaloo ba’uudha’ – Leenjisaa Ayivorii Koost, Faayee
Aayivoorii Kosti Waancaa Afrikaa 2023 qopheessitee garee ishee keessaa kufuuf qarqara irra yoo geessu biyyitiifis tahe taphattota ishee duraanii akka Diider Diroogbaa fa'aaf naasuu guddaa ture.
'Haaland goolii hedduu galchuuf of dhiphisuu hin qabu'- Gaardiyoolaa
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa Erliing Haaland goolii hedduu lakkoofsisuu caala bilisa of gochuurratti akka xiyyeechuu qabu hime.
Dhibee kaansarii mo'atee biyyaasa injifannoo Waancaa Afrikaan kan gahe Haaler maal jedha?
Goolii Ayivoori Koost haala hin eegamneen Waancaa Afrikaa akka injifattu gargarte erga galchee booda Sabaastiyaan Haaler gama televizhiniin as bahee dubbate. Garuu gurbaan ganna 29 dirree keessaa fi alatti tasgabbiin beekamu tasa imammaaniin hudhame, dubbii adda kute.